Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA Biyya Afrikaa Jahaa Elektiriki Galchitee 'Hiyyuma Baasuuf' Hujiitti JirtiI,Hujiin Tun Qilleensa Naannoo Waan Rakkistu Hin Qabdu Jedhan


Biyyoota Gammoojji Afrikaa Gadji Jiranitti Nama Miliyoona 600 Ibsee Gahaa Hin Arganne
Biyyoota Gammoojji Afrikaa Gadji Jiranitti Nama Miliyoona 600 Ibsee Gahaa Hin Arganne

Afrikaatti nama harka 75 eletirikii abdatan hin qabne harkii 85 ammoo tana argachuu dhiisii ittuu hin dhihaatu. Biyya haga tokkotti ammoo elktirikiin hammaachaa jireenna namaa harka shan faan diqqeessiti.

Baaddiyaa biyyoota Afrikaa Gammoojii Sahaaraatii gadii jiran jahatti ammoo nama miliyoona 240 ibsee hin qamne. Awurooppaa fi Amerikaan faan ammoo guddoo bisiti.

Mootummaan Perzdaanti Obaamaa sagatana isaa Power ‘Initiative Africa’ jedhaniin biyyoota Afrikaa jaha ganna 15 keessatti dukkana hamtuu akkanaati baasaa jedhee hojjachuutti jira. Karoora kana doolara ufii baase dooalra biliyoona torba caaltu alatti waliin doolara biliyoona 26 hojjachuutti jira.

Biyyootii karoorii kun baheef jedhan Itoophiyaa, Gaanaa, Keenyaa, Laaybeeriyaa,Naayjeeriyaa fi Tanzaaniyaa.Afrikaan ibsee dhabdee maan taate,karoorii kun hagam isii gargaara?Biyyoota tana keessaa tamtii irra faaydaa argata?

Porofeeserii yuniversitii university San Diego ka barumsa ‘Mechanical Engineering’ fi gorsaa barattoota barumsa PhDti tahee hojjatu,porofeeser Asfawu Beyyenee maan jedha?

Qorannoon isaa hagii guddaan akka humna ibsee ta hin dhumanne ta akka ibsee, bisaanii, aduu, bubbee fi waan akkanaa kanaan hojjachu dandahanii fi humna ibsee ta lafa keessaa fi qilleensa keessaalleen hojjachuu dandahan qorata.Afrikaan ibsee dhabdee humna ibsee dhabuun maal dhabde?Mee kutaa duraa caqasaa.

Me tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:56 0:00
Xurree marsariitii

Kutaa Lammeessoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG