Xurree ittiin seenan

Breaking News

Minisootaa Keessummaa Hedduutti Qophii 'Torbaan Oromootiif' Itti Yaahuutti jiraa, Dorgommiin OSFNA, Hagayya 2,2014 Jalqabdi


Dorgommii akkanaa tun eegii jalqabdee ganna kurnya lamaatti deemuutti jirti
Dorgommii akkanaa tun eegii jalqabdee ganna kurnya lamaatti deemuutti jirti

OSFNA, Oromo Sport Federation in North America, dorgommii ispoortii Oromootii Amerikaa gama kaabaa baruma baraan qopheeffatan.

Eegii jalqabanii ganna kurnya lamaatti deemuutti jirtii dorgommiin baranaalleen Amerikaa kutaa MN-tti Hagayyaa 2-haga Hagayya 9, MN dorgoman.

Akka itti gaafatamaan sab-qunnmatii OSFNA,Milkeessaa Ukaa jedhetti barana Awustiraaliyaa fi Kanaadaallee waliin garee 19 itti dhufa.

Dorgommii tun fiigichaa maqaa Abbebee Biqilaatiin qopheessan,kubbaa miilaa,ta harkaa,qophii aadaa,qophii maatii,qophii ijoollee,ta nama guddaatii dabalee waan hedduutti jira.

Akka Milkeessaan jedhutti bulchiinsi godina Minneaplisii fi ka St.Paul torbaan qophiin itti dorgoman sun akka Torbaan Oromoo, ‘Oromoo Week’ jedhamee yaamamu moggaase. Dorgommii baranaa mana barumsa MN.,St.Paul,jiru 'Central High School' jedhanitti qopheessan.

Dargaggoo Milkeessaan keessummaa hedduu simachuuf qophii jirraa jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG