Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Ameerikaa Lamaan waa'ee seera godaantummaa irratti wal falmaa jiran


Seera immigireeshinii yokaan godaantummaa Yunaayitid Isteets fooyyessuuf wixineen gurmuu paartiilee lameeniin barreeffame ennaa Mana-maree bakka-bu’ootaa bira ga’ee danqamee jiru kanatti, dhiheenya kana godaantonni kuma hedduutti lakkaawaman Ameerikaa waaltaa irraa daangaa qaxxaamuranii gara Yunaayitid Isteetsitti cehuu itti fufuun aangawoota biyyattii wal-falmsiisaa jira. Miseensonni Paartii Rippaablikaanii “Prezidaant Obaamaa tu godaantonni yeroof akkka gara biyyaa irraa dhufaniitti hin ergamne ajaja baasee rakkoo kana hammeesse” jechuun falmu.

Dimookiraatonni heduunii fi Prezidaanti Obaamaan immoo, “Ripublikaanota Mana-maree keessa jiran tu wixinee seera immigireeshinii fooyya’ee seenetii irraa gara isaaniitti dabre dafee raggaasisuu dhiisee rakkoo kana hammeesse” jedhu. Dhimma kana irratti, ogeessa seeraa dhimma immigireeshinii fi dhimmoota seeraa ka biroo irratti hojjetan Obbo Israel Goobanaa, Namoon kutaa Minesootaa irraa haasofsiisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG