Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faaruu Ijoolleen Faarsan Hagam Beettanii, Ijoolleen Faaruu Irraa Ammoo Maan Baratti?


please wait

No media source currently available

0:00 0:13:35 0:00
Xurree marsariitii

Gurrii ijoollee faaruu jaalata.Faaruun ceekhoo dhoorti,hin gammachiifti,seenaa fi aadaa barsiisfti.Akka qalbiin wa caqasaa guddatanillee akkanuma barsiifti.

Aaddee Darmii Jaarsoo,Haatii Walaabuu, haadha ijoollee afuriiti,Mankeetoo jiraatti. Ijoollee ufii diqqeennaan faarsaa guddifatte.Gurbaan isii lammeessoo Liibaan, amma kutaa 12 baratu faaruu argatu malee rafuu hin jaalatu jetti.”Haga ani dhufee faarsutti hin rafuuyyuu.”

Faaruun ijoollee seenaa qofaa mitii jaalala biyyaallee hin barsiifti jetti,Haatii Walaabuu.

”Faaruun Ijoollee waan hedduun gargaarti,ijoollee wa kennuuf faarsan, jaalalaaf faarsan,boohuu dhowwuuf faarsan,akka isiin harma hootu faarsanii waan hedduuf faarsan.”

Faaruun ijoolleen gosa hedduu.

“Akka waaqii ijoollee itti uumee faarsan, ijoolleen diqqeennaan maan akka fakkaattu faarsan, ijoolleen yoo walti baatee taphattu akkam akka maatii gamamchiiftu faarsan, ijoollee waliin taphachuun akkam akka nama gammachiiftu faarsan,ollaan yoo ijoolleen dhalattu maan akka tolchuufi akkam akka gammaduuf faarsan.Yoo ijoolleen dhalattu akkoo dabalee maatiin akkam akka gammadu fa.Maatiin yoo ijoolleen dhalattu akkam akka gammadan fa.”

Aaddee Darmiin haadha ijoollee afuriiti, ijoollee guddisaa yuniversitii barattee digirii lama barattee eebbofamte.Digrii qaraa barumsa Guddinna Ijoolleetii fi Fayyaa Maatii(Child Development and Family Health) digiri lammeessoo, Master’s Degree, Fayyaa Ummataa (Community Health) ammoo Minnesota State University baratte.

Ijoollee guddisaa barachuun hagam nama dhibdii jennaan yoo itti jabaatanii hojjatan waaqatti nama gargaaraa wannii namii hin taane hin jirtu jetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG