Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sodoomummaan Biyya keenyaaf Salphina jedhu Patriyaarkiin Waldaa Ortodoksii


Paartiyaarkiin Tokkummaa Waldaa Kirstaanaa ORTODOKSII Itiyoopiyaa Bitsu -we Qiddus Abune Maatiyaas ayyaana waggaa dhufaa jiru ilaalchisuun eebbaa fi dhaamsa dabarsan keessatti dhimmoota ka biroo illee tuqanii jiran.

Quunnamtii saal-tokkichaa yookaan quunnamtii-Sodoomii ilaalchisee dhaamsa dabarsuun garuu abboota amantii biratti wanna baratame hin turre. Dhaamsa sana dabarsuun isaanii isaanii fi waldaan isaan hoogganan hagam akka dhimma kana irratti yaaddoo qaban agarsiisa jedha gabaasaan keenya. Dhaamsi isaan dabarsanis lammiiwwan biyyattii maratti kan fuuleffate ture.

partiyaarikichi akka jedhanitti yeroo ammaa kan lafa Itiyoopiyaa irratti hojjetamuun haa hafuu dubbatamuun hin turre quunnamtiin cubbuu kun lafa keenya irratti dhaga'amuun kabajaa qulqullummaa Waaqayyo Itiyoopiyaaf kenne ka dhabsiisu itti dabalee Itiyoopiyaa keessatti misoomaa fi guddina utuu hin taane, badiisaa fi kufiinsa akka hin fidne lammiin Itiyoopiyaa kam iyyuu quunnamtii cubbummaa, quunnamtii SODOOMII kana ofi irraa aggachuu qaba jedhan.

Tokkummaan waldaa Kiristaanaa ORTODOKSII wal quunnamtii saala tokkichaa yookaan quunnamtii SODOMII akka jabeessitee loltus dubbatanii jiran Paartiyaarkichi Abuune maatiyaas.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG